MAALTU TA'E? |
|
|||||||||||||||||||
|
FAARU ALABAA OROMO .
Alaabaa
Oromoo ibsiituu dhukkanaa;
Dhiiraa
dhalaa keenyaa , bakkuma jiranii;
Alaabaa
Oromoo ibsiituu dhukkanaa;
Kum
kumni illee du'uu kan hafeen si dhaabnaa, Asxaa sirna haarayaa abdii walabummaa Dhiigaan gadi si dhaabna ya fajjii tokkummaa
Alaabaa Oromoo ibsiituu dhukkanaa;
Mallattoo mootummaa Oromootaa taatee
Si dhaabbannee bullaa, halkan
tokkoof illee, Guyyaa si dhaabbaanee gabrummaa dha baanaa (5)
Ilmaan saba keenyaa bakkuma jirani’ Gad si dhaabuuf jechaa falmkaa irratti dhumanii/2/’ Kumkumni illee du’u kan hafen si dhaabnaa Falmaa irraa hin deebinuu taree irra dhaabbannaa/2/ Asxaa sirna haaraa abdii walabummaa Dhiigaa gadi si dhaabnaa yaa faajii tokkummaa/2/ Balali’uf teessee atis tarree galtee;
Mallattoo motummaa Oromoodhaaf taatee/2/ Sidhaabbannee bulla halkan tokkof illee Guyyaan sun ni dhufaa hagam yoo ture ille/2/
FAARU GOOTOTA OROMO . Maal Dhaamanii Jaalleewwan Qabsoof kufanii Oromiyaa falmachuuf hadhaa du`aa kan dhugani Dhaadannoo keenya kaasaati galiin nuu gahaa jedhani Ba`aa keenya ida`achuuf of qopheessaa nuun jedhani(2)
Jaallan keenya tarree turre daandii dhiigaan tattaraarre Akka hin diigamne eegaa daandii lafee keenyaan jaarre Akka waliin jechaa turre nu hojiidhaan fasarre Faana bu`aa nu hordofaa odoo yeroon hin dabarre(2)
Dirqama keenya guutuudhaaf gammachuudhan gargar bane Bakkaan gahuu dhaaf ammo gatii lubbuu gaafatamne Bakka itti dhaabbanne irraa akka itti fuftan dhaammanne Kanaaf osoo hin deebine akka bobbaaneetti hafne(2)
Rimmee dhaaba keessa facaaftu tokkumma Seera dhablummaa fi ayyaanlaallattummaa Gartanii bira hin tarina irratti of kitima Gola keenya eegaa akka ija nama(2)
Lafeen keenya haa caccabu dhiigni keenyis haa faca`u Obsaan nurraan tarkaanfadha niyaan keenya bakkaa haagahu Dammaqsaa hidhachiisaa kan bakka keenya bu`u Nu riqicha taane sabni cunqurfamaa bilisa haa ba`u(2)
Baddaa fi gammoojjii keessaa lafeen keenyi haa addaatu Waraabessi irraa nyaatee allaatilleen haa qoqortu Bakka itti dhaabbanne irraa daangaa keenya haa falmannu Daandii dhugaa irraa maqxan isin duraa haa muldhatu(2) |