Maaltu Ta'a?

Seminara hawaasota Oromoo biyyolessaa
Guyyaa: 15,11,2008:
Iddoo: Bekkefare bydelshus, Stavange
r

maaltu ta'e?

Guyyaa gootota
    Oromoo

Kabaja wagga-07
Fest. barressuu

Seminaara'06

Agarsisa aadaa

Guyya maatii '05

Seminaara '05

Guyya gootota'05

Yaada kennaa

 

 

 

 

 
WALALOO - ABO WBO  KOO

 ABO WBO KOO

  ABO ABO

 

WBO yaa waboo koo

Yaa gaachana qomoo

Jajabduuf qeeramsoo

Akkam ree isni yaa qabeenya oromoo.

                   ABO ABO

Ililii birraa ta`i

Dagaagi qyee koo

Warqee mormaa ta`ii

Morma irra naaf taa`i

Qubeelaas naaf ta`i

Anaaf warra manaa walitti nu hidhi

                    eeyee........

Ati wadaa keenya

Hangga lubuun jiru

Nuti suma abdanna

Faalaa sitti dhufus

Deemssa kee haqaaqee

Nutu sirratti falma.

               

ABO WBO KOO

 

 

Mee gurra naaf ta`i

Waa dhagahuun fedha

Si waliin kajiran

Kalees ta`e hara`a

Kanee si gananis

Qabsoon yeroo hadhooftu

Kan lubuu siif kennan

Irra hedumaatu.

 

Waadaa ganamaa san

Maalumaaf cabsanii???

Gabatee irraa nyaatan

Irra ejjetanii

Maqaa kee himatanii

Gaggaba oolanii

Biyya baqaa keessatti

Sitti bohaaranii

Namaan walqixanii

Siin tarkkaanfatanii

Karaan dugdda handaaqoo

Nagaatti gantooni.

 

ABO jabaadhu

Abdii sabboontotaa

Si walumaan jiru

Jajjabooleen gootaa

Ummatis siin jira

Si walliin hriiree

Fedhii saa lagatee

Durilee ammalee

Tassa hin jijjiiramneem

Darani hamaatu lee

Hidhaaf ajjeechaan

Torchiin midhamulee

Qabeenyaan saamamee

Heduu rakkatu lee

ABO WBO koo

Sin ganne tassa lee.

 

Baratooni  kee lee

Suma abjjootani

Si eegatu malee

Abdii hin kutatani

Mootumaan wayyaanee

Heduu caraaqtu lee

Jijjiiramuu didan

Abadan amma lee

Kalees boorus hara`as

Itti caalan malee.

                  

ABO WBO KOO

 

Qotee bulaan qotoo

Camadatee qotus

Harkki isaa gindii irra

Marashaan baqaqsus

Samuun isaa muddamee

Waa heduun qabamus

Tassa hin daganeenm

Galaa siif qopheesuus.

                           

ABO WBO KOO

Kan ati guddifte

Harma kee hoosistee

Abbaa kan hin qabne

Maqaa keen mogaaftee

Qabeenya kee hundda

Isaan bohaarsitee

Biyya baqaa keessa

Awroopaa ameerikaa

Kanaadaa seensitee

Gantuuf hatuun hundi

Sirraa galagaltee??????

Laffa dhmdhuma tokkoof

Diinatti si laatee

 

ABO WBO KOO

Ati garuu cimaa

Bira kutee jirta

Hundumaa dhamdhamaa

Kan siif ta`e liqimsaa

Kan biroofis obsaa

Karaa faggoo kana

Qabsoo dhumaan kuta.

 

Tari maaf dagatuu

Namootiin baranaa

Calaaf ingirdaada

Addaan baasuu kana

Kan falmu dhiisani

Kabiraa jajjatu

Waan hundee hin qabnetti

Maalumaaf hirkatuu??????

                

ABO WBO KOO

 

Walliftoota kee lee

Booji`uuf yaa lani

Kayyoof waadaa saanii

Jarreen dagatanii

Kaleessa ariihaa

Ajjeesaa turani

Amma maaltu dhufnaan

Afeeruuf yaalanii????????

Ebbisaan du`usaa

Jareen dagatanii?????

Ebbisa atti duutus

Senaan kee ni jira

Usmaayoo ati duutus

Senaan kee ni jira

Jireenyaa ukkaamamtus

Senaan keessan jira

Sin irra falmaa jiru

Walliftooi hara`a

Dhiigni keessan dhangalaatee

Akkanatti hin haftu

Hiriyyooni keessan

Ammas ni falmatu.

 

ABO gammadi

Booni addunyaa irra

Si walumaan jiru

Oromooni hara`a

Egereen kee iffaa

Caasaan kee driiraa

Karaan kee qulquluu

Jaamaaf kan gamtalu

Qalamaan hin fixu

Ani seenaa kee barreesee

Kan keessa dabarte

Eegala irraa kaasee

Bilisummaan dhuftee

Siif haa barreesitu

Draark ilmikees

Kanaan haa xumurtu.

 

 

 

Copyright ® 2006 HORk
  Home        Year Plan     Projects        Oromia     Links      Contact us 

  SEENSA

KAROORA

PROJEKTOTA

OROMIA

AFAAN OROMO

GUDUNFAA

QUUNNAMTI

Hawaasa Oromo Rogaland-kibBaa
Oromo community of South Rogaland, Norway