Hawaasa
Oromoo Rogaland-kibba magaalaa Stavanger keessatti guyyaa guddina Afaan
Oromo irratti haasa'amuu fi galgala aadaa qopheessaa jira. Qophiini
guddina Afaan Oromo ilaalu kan qindaa'u mana macaafa Stavanger waliin yeroo ta'u
sagantaa kana irratti namni Afaan Oromoo irratti hojette afeerameeru haasa
namoota argamaniif godha. Feestivala guddina afaani (Literature festival) fi
walabummaa uf ibsachuu (Freedom of speech) ilaalu kana irratti namoonni muuxanno
Afrika heddutti qaban haasa godhu. Saganta isaa bali'naan ilaaluf as
xuqaa. Walii gala festivaalli kan gaggeffamu Fulbaana 13 amma 17 itti
ta'a.
Afaan
Oromoo ilaalchisee yeroo nuuf laatame akka armaan gadiitti laatame fakkaata:
Fulbaana
16,
-
Sa’ati
14:00 - 16:00 Feestivaala guddina Afaan Oromoo fi
agarsiisa aadaa (sirba) Oromoo
(Teesso: Sølvberget,
Stavanger kulturhus)
-
Sa'ati
17:00
- 19:00
Irbaata galgala
(Teesso: Bekkefaret bydelshus)
-
19:00
eegalee galgala aadaa
(Teesso: Bekkefaret bydelshus)
Galgala
aadaa irratti wallistootni Oromo beekamonni kan akka wallisaa Muktar
Osman, Omar Suleiman, Hailu Kitaaba, Dhibaa Guyyoo fi Johanes
Abate isin
bashaannansisa buluuf qopha’ani jiru.
Fulbaana
17,
Sa’ati
18:00
– 20:00: Agarsiisa
meesha sirbaa kan aadaa Oromo – saganta kana irratti wallisaan Hirpha
Ganfure masinqo
isaatin tapha aadaa Oromo dhiyeessa.
Teessoo:
Waldaa kristanaa gudicha Stavanger [Stavanger
domkirke] keessatti.
Teessoo
qophiwwn kartaa kana irraa ilaala
|