Maaltu Ta'a?

Guyya Gootota Oromo

Ebla 17 bara 2010

maaltu ta'e?

Guyyaa Gootota
    Oromoo
2009

Guyyaa Gootota
    Oromoo
2008

Kabaja wagga-07
Fest. barressuu

Seminaara'06

Agarsisa aadaa

Guyya maatii '05

Seminaara '05

Guyya gootota'05

Yaada kennaa

 

 

 

 

BAGA NAGAAN DHUFTANI!

 

Maaltu TA'E?

Buna sanbata xiqqa fi
kabaja Guyyaa Gootota Oromoo

Guyyaa: 18.04.2009:
Iddoo: Internasjonalt hus, Stavanger

 

Sagantaa guyyaa kanaa

Sa’a: 11:00 -16:00  Buna sanbata duraa (lørdagskafé)

Sa’a: 17:30 -19:00  Irbaata

Sa’a: 19:00 - 19:30 Faaruu Alaabaa
         (Hawwisoo, Ijoollee, deegartootaa fi miseensota ABO)

 

Sa’a: 19:30- 20:00 Dhaamsa gabaaba seena guyyaa Goototaa
       (J/Mohammed Ahamed dura ta’aa ABO Kutaa Iskandinavia)

Sa’a: 20:00- 24:00 - Galgala Aadaa (obbo Abbaba abbashuu)

 

Hubachiisa:
Miseensonni Hawaasaa fi Oromoonni naannoo kan jiraannuu akka huccuu aadaa ufannee dhufnuu fi meesaa aadaa mana qabnu fidannee akka dhufnu.akka hin daganne.


Seminara hawaasota Oromoo biyyolessaa
Guyyaa: 15,11,2008:
Iddoo: Bekkefare bydelshus, Stavanger
Sa'ati: 16:00 - 19:00 Seminara
          19:00 -  galgala aadaa
Guyyaa Gootota Oromo  bara 2008
Hawaasni Oromo Rogaland-kibbaa guyyaa Gootota Oromoo gaafa Ebla 5, bara 2008 magaala Stavanger keessatti bifa bareedan kabajuun Gootota Oromoo wal'ansoo oromummaaf wareegaman  yaadanno godhee jira.

Ijoollen Oromoo naanno adda addaa dhufan fararuu alaaba Oromo farsuun kabaja guyyaan  Gootota Oromoo kana bananiiru.  

 

Video 1 (Alaaba Oromia)

 

Dargagoon Oromoo karaa gama saani walaloo fi qophii adda adda dhiyeessun guyyaa kana bareechani jiru.

 

Video 2 (Oromo Rap (::))

Guyyaa kana walaloowwan adda addaa dhiyaatani jiru. Walaloowwan kana keessaa kuni jira
(ABO WABO koo)
Konyaan ABO Stavanger fi Hawaasni Oromoo Rogaland-kibbaa Goyyaa Goototaa Oromoo Ebla 5/2008 Kabajuuf magaalaa Stavanger itti qophii irra jira.Qophiin kun Marii, Seenaa Guyyaa Gootota fi qophii galgala aadaa of keessaa qabaata. Guyyaa seenaa qabeessa kana akka waliin kabajnuuf Konyaan ABO stavanger Oromoota carraa qaban hunda Afeeree jira. 

 Galgala Aadaa irraati weellissaa beekaman Qamar Yesuu  biyya Kanada irraa fi weellistota Oromoo biyya Norway keessa jiran ni isin bashansiisu.

Bakki Qophii:Internasjonlt hus
Guyyaan:Ebla 05, 2008

  Dire dawa

Helloo!

FAARUU ALAABAA

 Alaabaa Oromoo ibsiituu dhukkanaa;
 Guyyaa si dhaabbaanee gabrummaa irraa baanaa.
     

 Kumni kumni du'uu, kan hafeen si dhaabbannaa,
 Du'arraa hin deebinuu, tarreerra dhaabbannaa.

      Alaabaa Oromoo ibsiituu dhukkanaa;
      Guyyaa si dhaabbaanee .....

    Dhiigan sii facaasaa , lafeen sii bobeessaa;
    Oromia irrattii, gadi suman dhaabsisaa.
 
       Alaabaa Oromoo ibsiituu dhukkanaa;
       Guyyaa si dhaabbaanee .....

 Dhiiraa dhalaa keenyaa , bakkuma jiranii;
 Gadi si dhaabuuf jechaa, ibiddaan dhumanii

      Alaabaa Oromoo ibsiituu dhukkanaa;
      Guyyaa si dhaabbaanee .....

 Si dhaabbannee bullaa, halkan tokkoofillee,
 Guyyaan sun ni dhufaa hangam yoo turellee.
   
       Alaabaa Oromoo ibsiituu dhukkanaa;
      Guyyaa si dhaabbaanee .....

Maaltu ta'E?

Ayyaana wagga haara, bara 2008

 

Guyya kana wallistotni Oromo beekamooni

obbo Bashir Dhaabi, Hirphaa Gaanfure fi Tottoba Taddasaa hawaasa bashaananisiisaa bulu.

Guyyaan: Mudde 31, 2007, Bakka: Bekkefare bydelshus, 

Sa'ati fi sagantaa: 

16:00 - 18:00 - Irbaata galagalaa

18:30 - 24:00 -  sirbaa fi sagantaa adda addaa


Irreessa 2007, BERGEN

Ayyaanni irreessa bara 2007 magaala Bergen, Norway, keessatti gaafa fulbaana 29 sa'ati 10:00 irraa eegalee ayyaaneffama.

Koreen Irreessa2007 Bergen ayyaanni kun akka milkiin gageefamuu fi Oromoota Aaddaa, Duudhaa, fi  Seenaa issaanif BAKA GUDAA  keenan martuu akka siriti itti gamadan qophichaaf  bakka ol'aana keenun caraaqi gudaa gochaa jira.

Barmoota Afaan Oromoo

 

Hawaasni Oromoo Rogaland-kibba caamsa 10 irraa eegalee barnoota Afaan Oromoo barsiisu irra jira. 

Barnoota kana kan laatamu 

Bakka: Johannes Læringssenter

Guyyaan: kamisaa, torbee lamatti guyya tokko

Sa'atii:     18:30 - 20:30

Hawaasni Oromo Rogaland-kibba guyyaa gootota Oromoo gaafa Ebla 14, bara 2007 magaala Stavanger keessatti bifa bareedan kabajuun Gootota Oromoo wal'ansoo oromummaaf wareegaman  yaadanno godhe

YouTube irratti faaru alaaba arguuf suura kanaa ol ykn gudunfitu kana xuqaa

 

YouTube irratti faaru alaaba arguuf suura kana ykn gudunfitu kana xuqaa



Ebla 15, bara 2007 Kabaja Guyyaa Gootota Oromo

Hawaasni Oromo Rogaland-kibba guyyaa goototaa kana gaafa Ebla 14, bara 2007 magaala Stavanger keessatti kabaja

Gootota Oromoo wareegaman haa yaadannu

Sagantaa guyyaa kanaa

1. 12:00 - buna sanbataa

2. 14:00 - 16:30 seminaara

3. 17:00 - 18:00 Irbaata galgalaa

4. 18:00 - 19:30 Kabaja guyyaa gootota
                        Oromoo

5. 19:30 - 20:00 Faarsuu Alaabaa
              Oromoo kan ijoollewwanin iyaatu

6. 20:00 -   Galgala aadaa

 

Maal jedhanii darbani?

Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir

"Dhiignni koo, dhiiga mirgga uummata Oromoo kabajsiisuuf dhangala'u waan ta'eef dhiiga lafatti bade (dhiiga gumaa hin qabaanne) miti. Hojii an hin hojjetiini sobaan na yakkanii namoota adda bu'aa natti murteessani hundda bakkattii kanatti ummatni Itiyoophiyaa yeroo gabaabaa keessatti akka inni gatii isaanii kennuuf nan amana. Oolee haa bulu malee mirgi uummata Oromoo wallaansoo fi carraaqa ijoollee isaan kabajamuun isaa hin hafu."


Obboo Hailamaariyaam Gammadaa
"Mootummaan kun waan kaayyoo keenya balleesse itti fakkaatee ofumaa nu dhiphisa. Yoo kaayyoo keenya ta'e inni akka bofa garaa keessa seenee ti. Yoo garaa alaatti harkisanis ta'e yoo gara keessatti gadi lakkisan firiin isaa tokkichuma. Summiin isaa tamsa'ee jira hoo."

Barana maaltu ta'e?

Ayyaana wagga haara, bara 2007

 

 

Guyya kana wallisa Oromo beekamaani obbo 
Mohammed Sheeka
hawaasa bashaananisiisaa bule.

 

 

Bara darbe  maaltu ta'e?

Fulbana 13-17 - Festivala macafolle fi egumsa mirga namaa  
(Kapittel 06)

Caamsa 20 - Seminara, dorgommi kubba miilaa fi galgala aadaa



Ebla 22 - Buna sanbata xiqqaa (Lørdagskafe)
International house - hawaasni keenya fi waldaan dubartoota Oromo walta'un nyaata aadaa (buddena fi ittoo ...) gurguraa oolaniru. 

 

Deeggarsa Fincila Didda Garbummaa:
Bitotessa 25, Oslo: Hawaasni keenya kan bakka bu'oota nama 9 uf keessa qabu hiriira nagaa magaala Oslotti deeggarsa Fincila Diddia Garbummaf (FDG) godhame irratti hirmaate ture.

AYYAANA WAGGA HAARA 2006

Hawaasni Oromo kibba-Rogaland
 ayyaana wagga haara bara 2006
 yeroo jalqabaf waliin kabajuun dabarsaniiru. 

Qophi gaafa mudde 31, sa'a 18:00 kaase
 amma gaafa amajii 1, sa'a 02:00 itti turetti 


1. Nyaata aada - buddena fi itto 

2. Dorgommi gaaffi fi deebi Oromia fi aadaa, afaan fi seena Oromo ilaalu

3. Galgala bashanana obbo Abbaba Abashu sirboota adda addaan dargagoota nanno Stavanger, Karmøy  fi Haugesund irraa dhufan gammachiisa bulchera.

 

 

Copyright ® 2006 HORk
  Home        Year Plan     Projects        Oromia     Links      Contact us 

  SEENSA

KAROORA

PROJEKTOOTA

OROMIA

AFAAN OROMO

GUDUNFAA

QUUNNAMTI

Hawaasa Oromo Rogaland-kibBaa
Oromo community of South Rogaland, Norway