Barnoota Afaan Oromo

Gilgaala manaa 08
Gilgaala manaa 07
Barreffanno gababoo

Afaan Oromo

Qubee   haa barruu
Qubee.org
Afaan Oromo (Article)
Afaan Oromo online

Mana macaafa 
Stavanger

Kitaabota  
CD/DVD/VCD

Mana macaafa 
Bergen

Kitaabota 
CD/DVD/VCD
Mana macaafa 
Trondheom
Kitaabota 
Kitaabota Afaan Oromo

Yaada kennaa

 

 

 

 

Gilgaala barnoota Afaan Oromoo, 
bara 2008

Deebbi keessan teessoo kanatti ergaa

Oromorogaland@oromian.net
Gilgaala torbee 5 - 7ffaa

Barreeffannoo "Ittisa Dhibee Garaa Kaasaa" jedhu kana  dubbisaati deebbi gilgaalota laatamani  teessoo e-maili kanatti (Oromorogaland@oromian.net) ergaa, ykn yeroo barumsaaf dhuftan qabadhaa kootta.

Ittisa Dhibee Garaa Kaasaa

Bishaan barbaachisu argachuuni fi sirriitti dhimma itti bawuun akkasumas tajaajila bakka boolii qulqulluu argacliuun tooftaa dhibee garaa kaasaa ittisuu keessaa isa tokko jedha Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa; "Dhukkubaa fi du'a garaa kaasaan dhufu xiqqeessuun ni danda'ama," tooftaa jedhu keessattis olaantummaa qabu jedha sagantaan dhaabbata kanaa. Waggoonni kurnan bara 1980 "Dhiyeessa Bishaan Dhugaatii fi Qulqullina Qaamaa" jedhamee moggaafameera. Kunis fayyaaf hiree guddaa waan qabuuf jedhameeti.

 

Baasam qabamuuf daandiin guddaa fi tokkichi jiru karaa nyaataa fi dhugaatiiti. Kunis kan ta'u miidhaan nyaannu yookiin bishaan dhugnu wajjin raammoon dhukkuba kana nama qabsiiftu garaa keenya yoo seente. Kanaafuu dhibee kana maqsuuf nyaanni yookiin bishaan boolii namaa fi faltii beeyladaan faalame akka garaa keenya hinseenne eeggachuudha. Kanaaf immoo bishaani fi bakki boolii qulqulluu ta'uun barbaachisaadha. Kana ta'uu baannaan kaasaan karaa adda addaatiin nu qabuu danda'a.

 

Fakkiin fuula 22 irratti argamus kan addeessu haaluma kana. Fakkiin kun daandiiwwan baasaan ittiin darbu duwwaa osoo hintaane, tooftaa dhibee kana ofirraa ittisanis ni mul'isa. Akkuma beekamu dhibeen garaa kaasaa karaa adda addaatiin darba. Karaalee kanniin

Beekuun immoo tooftaa ittisaa barbaaduuf karaa bana.

 

Walumaa galatti dhibee garaa kaasaaf sababni guddaan nyaata qulqullina hinqabne yoo nyaanne yookiin bishaan qulqullina hinqabne yoo dhugneedha. Nyaanni fi bishaan keenya kan faalamuu danda'u nama qofaan osoo hintaane beeyladootanis. Kanaafuu qulqullina ofii keenyaa duwwaa osoo hintaane kan beeyladoota keenyaa fi kan naannoo keenyaa eeguun barbaachisaadha. Kana gochuufimmoo bakka boolii itti bahani fi dhoqqee horii itti gatan qopheessuun, bakka

beeyladoonni bulanis mijeessuun, bishaan gahaas akka garaatti argachuun dirqama ta'a.

 
Gilgaala 1ffaa

Gaaffiiwwan armaan gadii "dhugaa" yookiin "soba" jedhii deebisi. Waan "soba" jettuuf ragaa wajjin dhiyeessi.

 

1.  Dhibee baasaa maqsuuf tooftaa tokko qofaatti maayii bawuu barbaachisa.

2.  Qulqullina ofii fi kan qe'ee eeggachuudhaan dhibee baasaa ittisuun fala tokko.

3.   Qubni dhibee baasaa fiduu ni danda'a.

4.   Dhibee baasaa ittisuuf Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa yaalii godhe hinqabu.

5.   Dhibeen baasaa fayyaa irratti hubaatii inni geessisu salphaadha.

Gilgaala 2ffaa

Gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii dabtara kee irratti barreessii dhiyeessi.

 

1.   Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa waayee dhibee baasaa maal jedha?

2.   Sagantaan olaantummaa qabu kan dhaabbatichaa maali?

3.   Waggoonni kurnan bara 1980 keessaa maal jedhamee moggaafame?

4.   Dhibee baasaan akka hinqabamne maaltu godhamuu qaba?

5.   Mucooleen lamaan maaliif akka fakkeenyaatti fudhataman?

Gilgaala 3ffaa

Jechoota roga "A" jalatti tarreeffaman kan roga "B" jala jiraniin walitti firoomsi.

"A"

"B"

1.    baasaa

2.    boolii

3.    dhiquu

4.    hiree

5.    ittisuu

6.    daandii

7.    seenuu

8.    tooftaa

9.    addeessuu

10.     faalame

a.       fala (mala) waan tokko ittiin raawwacuuf qophaa'u

b.       qooda

c.        xuraaye; waan hintaanee makame

d.       ibsuu

e.       maqsuu; irraa hambisuu

f.         dhibee

g.       bobbaa nama keessaa bahu

h.       karaa

i.          miicuu; bishaaniin qulqulleessuu

j.         lixuu

k.       garaa kaasaa; albaatii

Gilgaala 4ffaa

Jechoota armaan gaditti tarreeffaman keessaa filachuun iddoo duwwaa keeyyata keessaatti guuti. Galumsa jechootaas hubadhu.

maayii           dhaabbata             addeessuu

tajaajila         sagantaa               qindeessuu

tooftaa           beeylada

 

Ummanni aanaa keenyaa _______bishaan ujummoo argachuuf horii buufachaa jira. Buusii kana gochuuf falli adda addaa dha'ameera. Kana keessaas manneen barumsaa hirmaachisuu kan jedhu _______ tokko. Barsiisonni fi barattoonni akka itti hirmaatan ___________ qophaa'eera. Karoora kanas kan ___________ waajjira barnoota aanaa akka ta'e xalayaan dhimmicha ni _________________.

 

Copyright ® 2006 HORk
  Home        Year Plan     Projects        Oromia     Links      Contact us 

  SEENSA

KAROORA

PROJEKTOTA

OROMIA

AFAAN OROMO

GUDUNFAA

QUUNNAMTI

Hawaasa Oromo Rogaland-kibBaa
Oromo community of South Rogaland, Norway